“Dhugaan kan eenyuuti laata?”

20 Apr 2018

Bara durii Itoophiyaatti baankiin maallaqa itti qusatan magaalaa Finfinnee keessatti qofa argama ture. Namoonni dhuunfaanis ta’e afooshaaleen gara garaa maallaqa erga walitti qabatanii booda kutaalee biyyattii fagoorraa gara Finfinneetti imaluun Baankii Daldala Itoophiyaatti ol kaawwachaa turaniiru.

Baruma sana keessa afooshaaleen Wallagga Bahaa maallaqa walitti qabachuun Baankii Daldala Itoophiyaa galfachuuf nama geessu tokko gara magaalaa Finfinneetti akka ergan himama. Namni ergame kunis maallaqa kana baatee baankii gaggaafachaa osoo adeemuu dargaggeessa tokkotti dhufee gaafate. Dargaggeessichis hanga namichaa erga hubatee ilaalee booda nan siif galcha jechuun maallaqicha harkaa fudhachuun harka duwwaa gaggeessa.

Namtichis nagahee tokko malee maallaqa afooshaalee manneen amantii hadaraan isatti kenname hattuuf kennee gara naannawasaatti deebi’e. Akkuma achi gaheenis nagahee maallaqaa ittiin baankii galche wayita gaafatamu, “Showaan nagahee hinlaatu akkanumaan qarshii namarraa fuudha” jedhee deebisa. Kanaanis yoosuma bakka bu’oota afooshaalee sanaan qabamee kan hidhame yoo ta’u, qabeenyasaa hunda tilmaamsisuun maallaqa ummataa akka deebisu taasifameera jedhama.

Dhimmi kun maaliif ka’e jechuun hinoolu. Tibbuma kana Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaarraa gara Finfinneetti imaluuf buufata konkolaataa magaalichaatti namoonni eegan waan walgahii jamaa taa’an fakkaatu.

Baay’inni namoota konkolaataa eeganii garaagarummaa daqiiqaa muraasaa gidduutti kan dabalaa deemu yoo ta’u, tikeetiin awutoobisiif muramu hanga guyyaa sadii itti fudhateera.

Guyyaa sadii guutuu achi taa’anii eeguurra konkolaataa akka tasaa argameen socho’uun dirqama ta’ee waan argameef, konkolaataa xiqqoo nama 12 feetu (minibaasii) namoota 20 taanee koruun imala gara Finfinnee eegalle. Kombolchi Finfinneerraa kiiloomeetira 214 fagaatti.

Akkuma imala keenya eegalleen gargaaraan konkolaachisaa qarshii sassaabuu kan eegale yoo ta’u, martuu qarshii dhibba sadii akka kaffalluuf gaafatamne. Kunimmoo taarifaa ol dacha lama waan ta'eef, imaltootaafi kokolaachisaa gidduutti walitti bu’insi uumame.

Imaltoota keessaa gariin kaffallee deemna, kaan ammoo saamicha waan ta'eef hinkaffallu jechaa osoo jiranii jaarsi tokko ol jedhanii, “Dhaba mannaa jedhee galaa akaayii guduunfate” akkuma jedhamu rakkachuurra ni kaffalla garuu nagahee nuuf kennaa jedhan.

Takkaan ukkaamamnee konkolaataa nama kudha lamaaf eeyyamame keessa 20 taanee teenya, takkaan yoo feetan bu’aa jedhamna! kuni maali?” jechuun jaarsi konkolaachisaa gaafatan. Wayita kana konkolaachisichi, “Karaan kombolchaa hanga Geedoo caccabaadha, dhaabbatni ijaarsa daandichaa eegale kiraa sassaabaa waan ta’eef, kunoo hojii ijaarsa daandii eegale addaan kutee hawaasaaf konkolaachisaa walitti buusaa jira” jedhe.

Maanguddoon kunis, “Kontiraaktarri saamtuu, konkolaachisaan saamtuu, nuti mirga keenya dhiibamnee mootummaa waliin waraana banaa hanga yoomii bara lakkoofna? gubannaatti dhalannee gubachaa dulloomna?” jechuun aaranii marfatasaanii mataarra fudhatan.

Pirojektiin ijaarsa kontiraaktaroota garagaraan fudhatamu hedduun isaanii yeroo qabame keessatti qulqullinaan xumuramaa hinjirani. Angawootnis kontiraaktaroota waliin waliigaluun nagahee seeraa malee qabeenya mootummaa kaaznaa ofiitti naanneffachuu waan baraniif, konkolaachisichillee nagahee akka hinkennineedha, kan dubbatu.

Dhimmichi kun ariitiin furamuu baannaan ittuma cimaa deema malee waan salphatu hinfakkatu. Kunimmoo adeemsa keessa gara mormiitti jijjiiramuun abdii hawaasni mootummaarraa qabu haalaan akka hir’atu taasisa jechuudha.

Hawaasni dafqasaan bulu seeraan ala saamamaa jiru mirgasaa wayita gaafatutti deebiin walwalitti qabachuun fagoo deemsisa jechuun rakkisaadha. Sababnisaas hawaasni mirgisaafi fayyadamummaan isaa jalaa hubame gaafa dallanu araarfachuun ulfaataadha; gatii guddaas kan baasisudha.

Biyyi namatti jiguurra tulluun namatti jiguu wayya” akkuma jedhamu mootummaanis ta’e angawootni fedhii hawaasa bal’aa giddu galeeffatanii hanga hindeemnetti ummata bakka bu’anii itti fufuunsaanii sobadha.

Imaltootni nagahee gaafatan kun takkaan ukkaamamanii lammeessoo ammoo taariifaan ol dachaan akka kaffalaniif dirqisiisuun hedduu kan nama qaanessudha. Kun ammoo sirreeffamuu waan qabuuf, to’attootni tiraafikaa fedhiisaanii guuttachuu dhiisanii ummatasaanii sirnaan ykn amanamummaan tajaajiluun isaanirraa eegama.

Qonnaan bultootni bittaafi gurgurtaa raawatamu keessatti taarifaan ol akka hinkaffalleef nagaheen barbaachisaa ta’uusaa hubannaa qabu; bilchina gahaa ta’ellee waan qabaniif wayita si’anaa gowwoomsuun kan hindanda’amneedha. Kana ammoo qaamoleen hojii mootummaa raawwachiisanis ta’e namootni dhuunfaa beekanii gocha hintaanerraa of qusachuu qabu.

Tiraafikoonni seera kabachiisuuf daandiirra oolan faayidaa abbaa qabeenyaa eegsisuufi dhangaa harka wayyaa jalaan baran hawaasa qallaba afaan ijoolleessarraa fuudhuun gurguree jireenyasaa fooyyeffachuuf sosocho’u mufachiisuun seeraan kan hindeeggaramne waan ta’eef, aantummaa ummataaf waardiyyaa dhaabachuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti, nagahee fudhachuunis ta’e laachuun qaamota bittaafi gurgurtaa raawwatan seera qabeessa kan taasisu yoo ta’u, kaffaltii humnaan oliifi nagahee hinqabneen hawaasa burjaajessuun hojmaata badaafi rakkoo bulchiinsa gaarii babal’isuurra darbee dinagdee biyyattii kan miidhudha.

Qaamni dhimmisaa ilaallatus aantummaa hawaasaafis ta’e mootummaaf qabu qabatamaan agarsiisuuf of kennee hojjechuun irra jiraata.

Ummatni namatti jiguurra tulluun namatti jiguu wayya jehama mitiiree?! Sanas ta'e kana dhugaan kan eenyuuti laata; Ittigaafatamummaafi furmaannisaa hoo?! Aariin ummataa bobaanaan kan deebisu hinjiruutii ittiyaadamuu qaba.

Waasihuun Takleetiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001296944
Har'a/TodayHar'a/Today3846
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4284
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12433
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1296944

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.