Ashuukaa! Warra Qajeelcha Dhimma Godaansaafi Lammummaa Itoophiyaa Featured

04 May 2018

Hiriirichi dheeratus tajaajilli kennamu si'aayaadha

Akkuman amaleeffadhe, Bitootessa 15 bara 2010 ganamumaan kutaa waajjira itti hojjedhuu ergan gahee booda dhimma hojiif jecha gara Waajjira Qajeelcha Dhimma Godaansaafi Lammummaa Itoophiyaa dhaqeen ture.

Ittiwaamamni waajjira kanaa Komishinii Poolisii Federaalaa ta’uufi gaheen mana hojii kanaa waraqaa eenyummaa daangaa ittiin darban (paaspoortii) baasuufi haaressuu ta’uu odeeffadheera.

Bakki argamsa waajjirichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa ‘Lidataa’ jedhamu yoo ta’u, sa’aatii 3:30tti wayitan dallaa waajjirichaa bira gahu, namootni hoomaa awaannisaa fakkaatanii dhaabatu. Ga’eessotni, dardarootni, shamarraniifi dubartootni umriidhaan afurtamoota keessa ta’an hiriira dheeraa qabachuun dallaa waajjirichaa cinaa ijaajjaniiru.

Mooraa waajirichaa seenuuf hiriira qabachuun dirqama yoo ta’eyyuu dardaroonniifi shamarran qaruuxeen tokko tokko wayita miliquun of dursisiisan mul’atu. Baay’een isaanii waldaddarbatu. Qaamoleen keessummeessanis baay’ina namootaarraa kan ka’e warreen hiriiranii jiraniifi hiriiruuf sosocho’aniin, “Zor baluu!, wadazah nuu!, lamin tincacalachihu?” jechuun Amaariffaan ajaja kennu.

Jalqabarratti, namootni hiriiran kunneen akkuma dabareesaaniin karaa balbala maashinii ‘Pootoo Kooppii’ qabuun kan ol seenan yemmuu ta’u, waraqaa eenyummaa isaanii kaasisachuun gara kutaa ittaanutti qajeelu.

Baay'inni hojjettoota maashinii pootoo kooppiitiin hojjechaa keessummeessan afuri. Isaanis si'aayina guddaadhaan hojjetu waan ta’eef, namni dhimma dabareerratti rakkatu hinjiru. Garuu, qulqullinnisaa hanqina qaba.

Lammaffaarratti, namootni waraqaa eenyummaasaanii erga pootoo kooppii kaasisanii booda akkuma hiriira qabataniin gara kutaalee unki odeeffannoo dhuunfaa itti guutamu kennamuufi chaappaan godhamuu dhaqu.

Kutaaleen kunneen afur akka ta’an hubachuun danda’ameera. Lama iddootti paaspoortiin haaraa kennamuufi lama ammoo bakkatti haaressani jechuudha. Kutaaleen afranuu hanga sa’aatiin laaqanaa gahutti baay’ina namootaatiin dhiphataniiru.

Irra caalaan namoota kutaalee kanatti tajaajilamuuf ijaajjanii kanneen barumsa qabaniidha. Darbee darbee namootni dubbisuufi barreessuu hindandeenyes ni jiru.

Namoota dhimma godaansa seera qabeessaafi lammummaaf waajjirichatti argaman keessaa hedduunsaanii dargaggoota, keessumaa shamaran. Ta’us, namootni unka odeeffannoo dhuunfaa qarshii kudhaniin mooricha keessatti gurguramu bitatanii ofumaan guuttatan muraasa.

Afaan Amaaraafi Ingiliffaa waan rakkataniif, guuchisiifachuuf abbuma isaanitti dhufe kadhatu. Anillee namoota godinaalee Oromiyaa kanneen akka Arsii, Harargee Lixaa, Shawaa Kaabaafi Shawaa Kibba Lixaarraa dhufan 15f guutuufiin dirqama lammummaa koo bahachuuf yaaleera.

Dardarootni kunneen baay’isanii garaa nama nyaatu. Dubartootni daa’imasaanii dugdatti baattatanii wayita oliifi gadi fiigan ammoo haalaan nama mararu, gaddisiisu.

Unki odeeffannoon dhuunfaa itti guutamu sun garuu hangas mara rakkisaa ykn walxaxaa ta’ee miti. Akkan hubadhetti, dhuguma rakkoon afaanii ni jira, garuu namootni kunneen waanuma ulfaatu isaanitti fakkaateetu malee gariinsaanii ofumaan guuttachuu kan danda’aniidha.

Sadaffaan ammoo kutaa itti ashaaraa qubaa kennan ykn mallatteessan, suura ka’aniifi kaffaltii qarshii raawwataniidha. Kutaaleen kunniin iddoowwan guguddoo sadii kan qaban yoo ta’u, kutaalee xixiqqaa 12 of jalatti hammatu.

Iddoowwan kunneen baay’ee tasgabbii qabu. Sababiinsaas namootni dabareesaaniin hiriiranii waan seenaniif, tokko tokkoonsaanii teessuma qabachuun taa’u. Hojjettootni mallatteessisaniifi suura kaasan ariitiin waan hojjetaniif, yoo guddate nama tokko keessummeessuuf daqiiqaa shan fudhatu. Maashininiin itti gargaaramanis ammayyaawaa fakkaata. Kunimmoo tajaajila hawaasaa isaan kennaa jiran si’eesseera jechuudha.

Kutaadhuma kana keessatti balbalootni kaffaltiin itti raawwataman afur ni mul’atu. Namootni erga mallatteessaniifi suura ka’anii booda nagahee fudhachuuf gara balbaloota kanneeniitti qajeelu. Bakkichatti yoosuma nagahee fudhatanii kan bahaniidha malee kan rakkatan miti.

Dhumarratti, kutaalee odeeffannoo dhuunfaa, nagaheefi kooppii waraqaa eenyummaa itti kennamuudha. Kutaaleen kunneen paaspoortii kanneen qopheessaniidha. Iddoowwan kanneenittis dhimmi tursiisee rakkisu waan hinjirreef, yeroosuma kennanii bahuudha.

Guyyaafi sa’aatiin itti deebi’anii paaspoortii fudhatan hojjettoota kutaalee kanneeniin kan himamudha. Haala idileetiin paaspoortii haaraa argachuuf qarshii dhibba jaha kan gaafatuufi guyyaa sadii fudhatu yoo ta’u, hatattamaan ammoo argachuuf guyyaa tokkoofi walakkaa, akkasumas qarshii 900 kaffalchiisu ta’uu hubadheera.

Walumagalatti, adeemsi kenniinsa tajaajila waajjira dhimma godaansaafi lammummaa si’ataadha jechuun ni danda’ama. Gochisaanii gaariin kunis ashuu!, jabaadhaa! kan isaan jechisiisuudha. Garuu mooraasaa keessatti dhimmi afaanii keessumaa kan tajaajilamtoota Oromiyaa rakkisaa ta’uurra darbee yaaddessaa waan ta’eef furamuu qabaan dhaamsa kooti.

Takkaalliny Gabayyootiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001296960
Har'a/TodayHar'a/Today3862
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday4284
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week12449
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1296960

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.