Ummata alagaa Oromoomse, maaltu walgaarreffachiise? Featured

12 Jun 2018

Baay'inni humna bittinneessaa koraa mooraa galmichaa marsee of eeggannoon dhaabbatuu pirezidaantiin ykn ministirri muummichaa waan chitti argaman fakkeesseera.

Takkaa immoo poolisiin hidhannoo guutuu qabu kun mooricha marsuufi sakatta'iinsi cimaan kun dhimmi sagantichaa qaamota diina walii turan walitti araarsuuf kan qophaa'es fakkeesseera.

Namni waraqaa waamichaa harkaa qabu sakatta'iinsa cimaa booda gara moorichaatti galus warreen waraqichi isaan hingeennye immoo balbalarratti poolisiidhaan walgaarreffatu.

Dhugaa dubbachuuf garuu, baay'inni ummata ala dhaabbatuu isa galma keessa jiru kan caalu ta'uu bira darbee sagantaan hanga eegalame xumuramutti balbala moorichaatii hinsocho'an.

Isaan carraa argatanii galmicha seenanis giddugidduudhaan sagalee mormii yemmuu dhageessisan gurri na qolate. Xiqqoo yemmuu tuturru garuu mormichi cimaa dhufuudhaan guyyaa tokkoofis ta'u hanga sagantaa addaan kutuutti ga'ame.

Wanti saganticha poolisii itti baay'iseefi kora bittinneessaa hidhannoo guutuun achi dhaabbachiise waan bulchitootni biyyaa ykn naannoo achi jiran fakkeesses sana booda ifa ta'aa dhufe.

Sagantaa torbee aadaafi aartii Magaalaa Nageelleetti qophaa'e ta'us aadaafi safuu Oromootiin ala sabni tokko yeroo maqaa magaalaa takkaa irratti walqooduudhaan diina waltaasifatu arguu caalaa wanti nama gaddisiisuufi qaanessu hinjiru.

Warri Gujii maqaan magaalattii Nageellee qofaa akka ta'u, warri Booranaa immoo maqaan magaalattii waggaa 100 oliif ture, Nageellee Booranaa jijjiiramuu akka hinqabne mormuudhaan sagantaa aadaa gara siyaasaatti dhiibaa turaniiru.

Magaalaa Nageellee Booranaa jedhamtu tana dabalatee lafti yeroo ammaa godinootni Gujii lamaan irratti hundeeffaman kunniin hanga bara 1996tti godina Booranaatiin bulaa kan turan yemmuu ta'u, boodarratti haala bulchiinsaaf mijataafi wantoota birootiif jedhamee godinni Gujiis hundaa'uu danda'e.

Akka yaada kootti, godina Gujii hundeessuun haala bulchiinsaafis ta'e ummata sanaaf beekamtii kennuu waan ta'eef badii tokkos hinqabu. Kan ta'uu malu garuu, erga godinichi Gujii ta'ee booda maqaa isa ganamaa magaalattii Nageellee Booranaa turte maqaa Boorana jedhu irraa hambisuudha.

Kaleessaa Gujiinuu godina Booranaatiin bulaa turee har'a godina Gujii hundeessuun gaarii ta'us hanga maqaa magaalaa hangafaa jijjiiruutti maaliif hiixatame?

Asirratti wanti hubatamuu qabu, yeroo Oromoon tokko ta'aa jirutti waan Oromoo adda qoodu dalaguufi ajandaa kanaan ummanni walitti bu'uun tarkaanfii tokko boodatti deebi'uudha.

Oromummaasaanii bira darbee ummanni Booranaafi Gujii ummata garaa garummaasaa caalaa tokkummaansaa mul'atuudha.

Ummata magaalattii seenuu dhoorkamee balbala mooraa galmichaatti rooba keessa dhaabbate keessaa baay'inaan kan mul'atu immoo dhalattoota Booranaati.

Akka isaan jedhanitti; jalqaba sagantaan kun qophaa'uunsaa dursanii kan isaanitti hin himamne ta'uufi erga dhagahanii boodas waraqaa galumsaa gaafatanis namni barbaadamu muraasa ta'uusaatiin dhorkaman.

Sochii yeroo ammaa godinni Gujii maqaa magaalattii jijjiiruuf taasisaa jiruun walqabatees dhalattoota Booranaarraa mormii guddaan dhagahamaa jiraachuusaatiin walqabatees saganticharratti baay'inaan yoo argaman ni jeequ jedhamee sodaatameera.

Warreenuma galma keessa turanirraayyis wanti ifatti mul'atu tokko ummanni Booranaa komii guddaa bulchiinsa Godina Gujiirraa qabaachuusaati.

Walitti bu'iinsa waggoota muraasaan dura ilmaan haadha tokko Booranaafi Gujii, gidduutti uumamee tureen lubbuun obboleessaa obboleessa harkatti baduunsaa immoo Oromoof qaanii guddaa yemmuu ta'u, dhimmi kun hanga ammaatti furamuu dhabuusaatiin ammas obboleewwan kunniin walitti gaarrefachaa jiraachuun eenyuyyuu caalaa Bulchiisna Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif salphina.

Walumaagalatti, jaarraa tokkummaan Oromoo waggoota dhibbatamaaf badee ture itti mirkanaa'aa jirutti Oromoo gidduutti haalli kun uumuun irra hinturre.

Oromoon waliif dhiisii ummata ykn saba biraayyuu Oromoomsee ofitti qabee nagaan aadaa waliin jiraachuu qaba. Kanaaf “ummata alagaa Oromoomsee waliin jiraatu maaltu walitti diinomse” gaaffiin jettus deebii feeti. Mootummaan naannichaas hatattamaan rakkoo kana furuun dirqama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001426555
Har'a/TodayHar'a/Today132
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday1643
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week1775
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month88132
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1426555

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.