Yeroon ijoollee ofii walitti qabatan amma Featured

22 Jun 2018

Du'uun barbaada ture garuu naaf ta'uu hindandeenye, mana fincaanii deemuufis gargaarsa namootaa nabarbaachisa ture. Manni fincaanii kutaa ani jiraadhurraa meetira 50 waan fagaatuuf namatu baatee na geessa.

Gaafa lukti koo cite sana rasaasni ijoollee sadii ajjeese. Ani Oromoon yemmuu hidhamuufi dararamu maaliif akkana ta'a jedhee gaafachuun ala nama siyaasaa miti. Miseensa paartii siyaasaa kamiyyuus hinturre. Ani nama barnootaaf manaa baheedha.

Luka koo raraasaan rukutamee muruu dhiisanii jalqaba isa fayyaa narraa muran. Ittaansuunis miila rukutame sana yeroo sadii iddoowwan garaa garaatti ol siqsaa kukkutan.

Mana hidhaa qaama guutuun seenee amma miila koo lachuu itti dhabe, abbaan koos sababuma kiyyaan osoo aaruu lubbuunsaa dabarte, maatiin hundis diigame.” Qeerroo Kaffaaloo Tafarraa hidhaa waggaa 12n booda yemmuu gadi lakkifamu ibsa 'BBC'f kenne keessaa kan fudhatame.

Oromoo hidhamuu, ajjeefamuu mana hidhaatti hiraarfamuufi baqarratti bishaaniin nyaatamuu dhagahuun waggoota 27 darbanitti waan baratamaa ture.

Haalli siyaasa biyya tanaa keessattuu waggoota 27 darbaniif falmattoota saba Oromootiif yeroo gaarii hinturre. Mirga sabaatiif waan falmaniif qofa shororkeessaa, humna badii, ergamtoota, dhiphootaafii maqaawwan gara garaa kennuudhaan dararri cimaan irratti gaggeeffamaa tureera.

Qabsoo waggoota sadan darbanitti taasifameen garuu haalli kun xiqqoo fooyyee argamsiisuurra darbee, bu'aalee qabatamaa hedduus galmeessisaa jira.

Kun immoo Oromoon bulchiinsa biyyattii keessatti sadarkaa hooggansaarra gahuunsaa akka sababaatti ka'us jijjiiramni Oromootaan dhufaa jiru garuu Oromoota qofaaf osoo hintaane lammiilee biyyattii hundaaf abdii ta'aa jira.

Warri Oromoof jecha biyyaa ari'aman, hidhamaniifi salphatan Oroomoodhumaan ulfaachuu jalqabuun immoo firaaf gabbachuu diinaaf immoo bowwuudha.

Qabsoon haaromsaan eegale Doktar Mararaa Guddinaa, Baqqalaa Garbaafi falmattoota sabaa kumaatamaan laakka'aman mana hidhaatii baase, yeroo gabaabaa keessatti hundeessitoota ABO Obbo. Leencoo Lataa, Doktar Diimaa Nagawoo, Doktar Bayaan Asoobaa, Doktar Leencoo Baatiifi jaallewwansaanii hedduu biyya hambaatii gara biyya abbaatti deebisee dhimma sabaafi biyyaarratti mariisise.

Obbo Yoonaataan Dhibbisaafi Kolonel Abbabaa Garasuus dhiheenyuma kana jiruu baqaa keessaa gara biyya abbaasaaniitti deebiseera. Obbo Hasan Alii, Obbo Juneddii Saaddoo, Jeneraal Kamaal Galchoo, Jeneraal Umar Suleymaan, Obbo Jawaar Mahaammadiifi qobsaa'onni hedduus dhiheenyumatti faana jara kanaa dhahanii ni galu jennee abdanna.

Oromoon walkabajee kabajamnaan ollaan harka fuudhaa dhufa, nuti walsalphifnaan alagaan nutti kolfa. Ammaan booda siyaasni walsakaaluu Oromoota gidduutti hafee hundi kabaja ummata Oromootiif jecha hojjachuu qabu.

Waggoota shanan ykn kurnan dhufan Oromoon abbaa kaampaaniiwwaniifi aangoo dhimma baasu hedduu malee kan garee dhaaba siyaasaa 99tti qoodamanii walirratti qabsaa'an ta'uu hinqabu. Dhaabni siyaasaa bu'uura ummataa jabaa qabu tokkoof lamayyuu gahaa waan ta'eef.

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmadis dhaabbileen tanaan dura shororkeessummaadhaan moggaafaman hundi gara biyyaatti deebi'anii mootummaa waliin mariidhaan akka hojjataniif irra deddeebiidhaan afeeruunsaamu ni yaadatama. Kunis siyaasa biyyattii olaantummaa harka paartii tokkoo qofa ture bal'isuu keessatti shoora olaanaa qabaata.

Biyyattiin jijjiirama fiduu barbaadduufi qabsoo dimokraatawaa ta'e gaggeessuun barbaachisaa yoo ta'u, kana milkeessuuf ammoo dhaabni siyaasaa biyyattii tana keessatti jijjiirama fiduuf hojjatu gara biyyaatti deebi'ee mootummaa waliin akka mari'atuuf haalli kun uumamuunsaatuu waan guddaadha.

Dirreen siyaasaa biyyattii bal'ateefi qaamni siyaasa biyyattiitti qooda fudhachuu barbaadu kamuu yaadasaa bilisaan akka ibsatuufi ummata bira akka ga'uufis mootummaan to'achuufi hordofuun kan ittifufu ta'uu ministirri muummeen ibsa tibbana paarlaamaaf kennaniin mirkaneessaniiru.

Imimmaan haadholii waggoota hedduuf ilmaanshee manneen hidhaa gara garaatti argamaniif jigaa ture ammaan tana qooraa jira. Ilmaan Oromoo kutaafi waantoa adda addaatiin walqoodaa turanis waggoota sadeen darbanitti tokkummaa ajaa'ibaa uummachaa dhufuusaaniitiin ofirra darbanii saboota biroos kabachiisuu eegalaniiru.

Walumaagalatti, namni ilaalcha siyaasaa hordofuun akka diinaatti ilaalamee hidhamuun, reebamuufi shororkeessaa taasifamuun asumatti bira darbamuu qaba. Siyaasni biyyattiis isa kaaniif fira isa biroof immoo diina osoo hintaane, akka obboleewwan ilaalchawwan gara garaa qabanitti keessummeessuu qaba.

Qilleensi siyaasaa yeroo ammaa biyyattii keessa jirus kanuma kan akeeku yemmuu ta'u, yeroon ilaalcha siyaasaatiin diinoomfaman seenaa ta'aa jira. Hunda caalaa immoo yeroon kun shira diinaa saaxiluu qofa osoo hintaane lammiiwwan shira diinaatiin hidhaman kan biyyaa baqataniifi kanneen biroo kan itti walitti qabatanii mana cimaa roobni salphaan diiguu hindandeenye itti ijaarrataniidha.

Paartiileen siyaasaa Oromoof qabsaa'an immoo garaa garummaasaanii dhiphisuufi tokkummaasaanii cimsuun gara foonaa tokkootti deebi'uun filatamaa ta'a.

Bayyanaa Ibraahimiin



Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642512
Har'a/TodayHar'a/Today3500
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4917
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642512

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.