Boombii dho'erra, tokkummaa mo'etu caala Featured

29 Jun 2018

Ummanni magaalattii hundi gaafa sana manatti akka hinargamneef waan ajajni kenname fakkaata. Haala baratameen ala osoo lafti hinbari'in sagaleen namaa wacuufi weeddisu kallattiilee gara garaarraa baay'inaan dhahagama.

Yeroo kaan halkan sa'aatii 10:00tti nama hojii addaa qabuun ala namni hirribaa ka'u hinturre. Gaafa sana garuu sa'aatii sana booda rafuun namoota hedduuf dhorkaa fakkaata.

Jiraattoonni naannawa magaalatiis dursanii iddoo beellamaatti argamuun iddoo qabataniiru.

Sa'aatii 12:30tti yemmuu ani achi ga'utti Addababa'iin Masqalaa guutee jira. Baay'inni namootaa sa'aatii sana qofatti argamee garuu lakkofsaaf kan nama rakkisu ta'uun alatti haala walirraa hincitineen hanga barfata sa'aatii shaniitti itti fufeera.

Daandiiwwan guguddoon magaalattii kallattii hundaan gara Addababa'ii Masqalaa geessanii galaana ummataatiin cinqamaniiru. Ummanni kallattii kibbaa Aqaaqii hamma Laanchaafi Baqloobeetii dhufu Richee Darbuu hindandeenye. Inni kallattii dhihaa Xoor Hayilochii dhufu immoo Meksikoo xinnoo darbee Laga Harree darbuu dadhabe.

Inni kallattii Kaabaa Atobstaraafi Markaatoo irraa dhufus Biheeraawii darbuun itti ulfaateera. Warreen kallattii kaaba bahaa Shiroo Meedaa, toora Sidditsi Kiiloorraa dhufanis masara mootummaatti daandiin guutamee itti cufameera.

Hunda caalaa wanti nama dinqu garuu, iddoon beellamaa Addababa'ii Masqalaa ta'us, namootni achi ga'uu hindandeenye hedduun bakkuma jiranitti gareedhaan dhaadannoosaanii dhaggeessifataa iddoma jiran ykn gahan Addababa'ii Masqalaa fakkeessaniiru.

Daa'imman xixiqqoo hanga jaarsota umrii waggaa 70tti, hayyuu hanga ijoollee daandiirra bultuutti, dargaggeessa hanga dubartoota ulfaatti namni manatti hafe waan jiru hinfakkaatu.

Namoota miidhama qaamaa gara garaa qaban wiilchariidhaan yemmuu namaan dhiibamaa gara hiriiraatti deeman nama argeef immoo fedhaan osoo hintaane, dirqiin wayii duuba waan jiru fakkeessa.

Suuraan ministira muummee laphee wayyaa ummanni uffaterraa fageenyaan kan mul'atu yemmuu ta'u dhaadannoon dhaggeeffamus kabaja Doktar Abiyyiif qaban kan agarsiisuudha.

Hanga kan Doktar Abiyyi baay'atuu baatus suuraan pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Nnaannoo Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaafi kan Naannoo Amaaraa, Obbo Gadduu Andargaachoos namoota hedduu irraa ni mul'atu.

Waggaa 27 dukkana keessa turree ji'a sadii keessatti nuu bari'e” kan jedhu immoo yedaloo dargaggoota hedduu yemmuu ta'u, dhaadannoon, “Tokkummaan keenya hindiiggamu, bineensa guyyaatiif ulaa hinsaaqnu” jedhus baay'inaan dhagahamaa ture.

Seenaa Magaalaa Finfinnee keessatti ummanni hangana baay'atu hiriira bahee kan hinbeekne ta'us nama seenaa waggoota heddu badee ture haaromsaa jiruufi ummata abdii kutatetti abdii horaa jiruuf ta'uunsaa garuu waan nama ajaa'ibsiisuu miti.

Hiriiricharratti wanti nama dinqisiisu inni biraa immoo, tanaan dura akka waan abiddaafi cidii ykn galabaatti odeeffamaa kan ture sabni Oromoofi Amaaraa yeroo tokko alaabaa abbaa Gadaa qabatanii Amaariffaan, yeroo kaan immoo alaabaa Itoophiyaa qabatanii afaan Oromootiin yemmuu waliin shubbisan arguudha.

Gaafa sana ummanni Magaalaa Finfinnee waggoota 27 booda sodaa injifatee, waan itti dhagahame ifatti ibsate, isa fedhe deeggaree kan hinfeene immoo ifatti morme. Dhugaa dubbachuuf ummanni kun waan guyyaa sana hidhaa keessaa bahe fakkaata.

Sagantichi erga dhumee boodas xiiqii waggoota 27 ibsachaa, deeggarsaafi jaalala ministira muummeef qaban ifatti ibsachaa osoo ciree hin nyaatin laaqanni itti ga'e.

Kun immoo kan agarsiisu, ummanni sun waan itti dhagahame ibsachuufis kanaan dura carraa kan hin arganne ta'uusaafi dhiittaa mirgoota namoomaafi dimkraasii jala turuusaati.

Qabsoon waggoota sadeen darban Oromiyaa giddugaleessa godhatee naannoo Amaaraafi iddoowwan garaa garaatti taasifamaa ture wareegamni qaqqaaliin itti kan falamaa turus haalli siyaasaa biyyattii akka jijjiiramu dirqamsiiseera.

Qaamootni qeerroo mirgaaaf falmatu raraasaan rukutuu baraniifi gammachuu ummataa hinfeene immoo ummata gammachuuf bahe gaddisiisaniiru.

Namni waanuma danda'u hojjata. Inni tokko dubbatee siyaasa bilchaataan yemmuu mo'u, kan siyaasa hammayyaa hinbeekneefi ajjeesuu qofa bares sanuma dalaga. Garaagarummaan isaan lamaan jidduu jiru garuu ummataaf ifa waan ta'eef bineensota guyyaa balaaleeffachaa, qaamota jijjiiramaa waliin tarkaanfachaa ittuma fufa.

Walumaagalatti, hiriirri deeggarsaa gaafas adeemsifame ce'uumsa siyaasaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa kan saaqe waan ta'eef sirnicha booreessuuf yaadamus hin milkoofne.

Boonbii gaafas dho'e caalaa tokkummaa mo'etu caala waan ta'eef, shakkamtoota seeratti dhiheessaa, hayyoota aangotti olbaasa itti fufama.

Bayyanaa Ibraahimiin

Miidiyaa Hawaasummaarratti

 

Lakkooftuu dubbistootaa

0001642454
Har'a/TodayHar'a/Today3442
Kaleessa/YesterdayKaleessa/Yesterday7153
Torban kana/This_WeekTorban kana/This_Week4859
Torban darbe/This_MonthTorban darbe/This_Month100001
Guyyaa mara/All_DaysGuyyaa mara/All_Days1642454

       The first Ethiopian Locally Developed Ethionux Operating System, that has been under trial since the last 8 years(2007-2015) in Ethiopian Press Agency, Ethiopian News Agency for the past 2 Years & Ethiopian Revenues And Customs Authority for the past 1 Years , has now become fully operational. This website is built up on the operating system of Ethionux.